Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Barattootni Oromoo Yunversitii Finfinnee Adoolessa 13 guyyaa murtiin diinummaa Finfinnee irratti darbe yaadatanii oolan.

(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 17,2008)Akka oduun Maadhee keenyaa nu dhaqqabe hubachiisutti, barattootni Oromoo Yunversitii Finfinnee, Waldaa Tokkummaa Barattoota Oromoo Yunversitii Finfinnee jalatti gurmaa'an Adoolessa 13, guyyaa murtiin dabaa handhuura Oromiyaa magaalaa Finfinnee irratti diinaan darbe yaadatanii oolaniiru.

Guyyaa kana sababeeffachuun barattootni Oromoo Yunversitii Finfinnee dhimma QBO yeroo ammaa irratti bal'inaan mari'achuu isaaniis oduun nu dhaqqabe kun ifa godha. Dadhabiinsa gama isaaniin mul'atan gamaaggamuun irra aanuuf jabinaan akka hojjetanis mirkaneessan.

Hanga bilisummaan ummata isaanii dhugoomutti aarsaa kam iyyuu kafaluuf waadaa seenuu kan ibsan barattootni Oromoo Yunversitii Finfinnee, qajeelfama dhaaba isaanii ABO irraa itti kennamu mara fudhatanii hamlee guutuudhaan hojiitti hiikuuf akka hojjetan ejjennaa qaban ifa godhaniiru.

Guyyaan Finfinnee Godina Harargee bahaa keessatti haala gaariin kabajamuu maddeen gabaasan.

********* 

Oromiya Godina Adda addaatti Maadheeleen Guyyaa Finfinnee yaadatoon kabajatan.

(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 17,2008)Godina Harargee bahaa Onoota Burqaa, Baddannoo, Qarsaa, Haro-Maayaa fi bakka biroo keessatti Adoolessi 13 guyyaa murtiin abbaa biyyummaa Oromoon Finfinnee irratti qabu haalu mootummaa wayyaaneen dabarfame sab-boontotaa fi miseensota maadhelee gara garaa biratti haala bareedaan kabajamee akka oole maddeen keenya gabaasan.

Sab-boontotni Oromoo maadhelee Finfiinsituu Qabsoo, Birqaa Bilisummaa, Mullataa Hegeree fi Gadaa Caffee lakk.1-5 jalatti gurmaa'anii jirarn guyyaa Finfinnee Adoolessa 13 kan kabajatan bakka tokkotti walitti dhufuun marii geggeeffataniini.

Sirna walgahii isaaniis gootowwan Oromoo bilisummaa ummata isaaniif jecha wareegaman yaadachuuni kan banan. Faarulee guyyaa Finfinnee ibsan faarfachuu, akkasumas walaloolee gara garaa dhiheessuun haala bareedaan kabajachuu isaanii oduun nu dhaqqabe dabalee hubachiisa.

Sab-boontotni Oromoo kunniin xumura irratti ibsa ejjennoo baafataniin, hanga mirgi abbaa biyyummaa Oromoo dhugoomee alaabaan Oromiyaa Finfinnee irratti dhaabbatutti falmaa keenya itti fufna jedhan.

Dhimma Finfinneen wal qabatee ilmaan Oromoo ajjeefaman, hidhaman, barmoota irraa ari'amanii fi rakkoolee kanaan wal qabatee dhaqqabe maraaf kan itti gaafatamu mootummaa wayyaanee fi kan inni ergatu OPDO dha jechuun beeksisaniiru.

Maqaa investimentii jedhuun Oromoo Finfinnee fi naannoo sanaa buqqisuu mootummaa wayyaanees akkaan balaaleffachuun akka dhaabbatus gaafatan.

Dhuma irratti ABO laamshessuuf shira mootummaan wayyaanee karaa ifaa fi dhoksaan xaxaa jiru, akkasumas olola inni geggeessaa jiru mara karaa barbaachise cufaan itti hirmaannee ni fashalsina jechuun ejjennaa isaanii ifa godhan.

**********

Akka Wayyaaneen feetutti barsiisotni fi ummatni ABO balaaleffachuu didanii Wayyaanee fi ergamtuu isaa OPDO salphisan.

(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 17,2008) Maddeen keenya akka gabaasanitti, sab-boontotni barsiisota Oromoo mana barumsaa Sad.2ffaa Shaashamannee walgahii kaabinoota wayyaaneen godhameef irratti ABO akka balaaleffataniif tattaaffii diinotni godhan morman.

Kana irra iyyuu darbanii kaabinee ergamaa sirna wayyaanee ta'e namni Abdoo Nuuree jedhamu ABOn diina jedhee barsiisuuf wayta inni yaalu mormii fi dura dhaabbannoo itti kaasanii akka afaan qabatu godhan jedha oduun nu ga'e.

Barsiisotni sab-boontota Oromoo diinni isin malee, ABO mirgaa fi haqa ummata Oromoof falmu miti jedhanii itti himuun walgahicha dhiitanii ba'uu oduun kun dabalee hubachiisa.

Kuyyaaraa keessatti barsiisota Oromoo haqaaf falman kana kaabineen sirna wayyaanee Taaddasaa jedhamu sodaachisuuf yaalaa jiraatu illee, barsiisotni tokkummaan diinummaa isaanii itti himuun of irraa deebisaa akka jiranis gabaafameera.

Godina Arsii fi Baalee keessattis ummatni hiriira ba'ee akka ABO balaaleffatuuf yaalii dabballootni wayyaanee godhan diddaa ummatni agarsiisaa jiruun duraa fashalaa akka jiru gabaafame. ABOn qaama keenya malee diina nuti balaaleffannu miti jechuun mormii akka dhageessisan gabaafameera.

**********

Barsiisotni Oromoo miseensa dhaaba jalee Wayyanaee OPDO hin taanu jechuun diddaa itti fufan.

(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 17,2008)Akka gabaasa maddeen keenya irraa nu dhaqqabeetti, wayyaanotni fi ergamtootni isaa OPDOn barsiisota Oromoo Gindhiir, Nageellee Booranaa, Adoolaa, Waayyuu, Shaashamannee, Arsii Nageellee fi bakka biroo keessa jiran miseensa isaanii akka ta'aniif dhiibbaa irraan ga'an illee, sab-boontotni barsiisota Oromoo sagalee tokkoon diddaa miseensummaa OPDO mul'isaa jiran.

Barsiisotni kunniin hojii keessantu nutti hafa malee, nuti miseensa keessan hin taanu jechuun jibba diinaa fi ergamtuu diinaaf qaban mul'isaniiru. Ummata keessaas deggersa baay'ifachuuf shira adda addaa xaxaa akka jiran ni himama.

Sababaan wayyaanotnii fi ergamtootni isaanii dirqiin namoota miseensummaa guuchisuuf dhiibaa jiraniif, wayta filmaataaf haala mijeeffachuu fi miseensa dhaabbilee biroo akka hin taane gochuuf ta'uun bira ga'ameera.

Sab-boontota miseensummaa isaanii fudhachuu didan ammoo hidhuu fi doorsisuu itti fufanii jiru. Bulchiinsi Ona Qorees haala akkasii irratti bobba'uun ummata dararaa waan jiruuf, gocha isaa irraa hatattamaan akka dhaabbatu akeekkachiisni darbeefii jira.


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net